Hogganaan Mormituu Kan Keeniyaa Mormiif Uummata Waaman 

  • VOA

Deeggartoota Raayilaa Odiingaa, Naayirobii, Keeniyaa, Bitootessa 20, 2023

Naayiroobii fi magaalonni Keeniyaa biroo keessatti Wiixata har’a mormii farra mootummaa marsaa haaraa, kan mootummaa Pirezidaant Wiliyaam Ruutoo jalatti gatii jireenyaa olaanaa ta’e irratti gaggeeffamuuf, qophaa’aa jiru.

Poolisiin Dilbata kaleessaa hiriira kana kan dhorke ta’uus, hogganaan mormiituu kan ta’an Odingaan garuu , lammiileen Keeniyaa haala kamiinuu mormii kana irratti akka hirmaatan jajjabeessaniiru.

Mormii Wiixata darbe magaalaa galma mootummaa Naayiroobii keessatti geggeeffameen namni tokko kan ajjeefame yoo ta’u, hiriirtota waliin waldura dhaabannaa uumameen poolisoonni kurnootaan lakkaa’aman madaa’aniiru.

Daandiin geejiiba Baaburaa Keeniyaa Dilbata ibsa baaseen, “haalota ta’u hin oolle irraa kan ka’e, tajaajilli baabura imaltootaa wiixata har’af saganteeffamee turehaqamuu ibsee ture.

Lammiwwan Keeniyaa Wiixataa fi Kamiisa yeroo mara daandiilee irratti ba’uun mormii akka dhageesiisan Odingaan gaafatanii jiru.