Bokkaan Kibbaa fi Kibba Bahaa Itiyoophiyaatti Roobe Jiraattota Booranaa Gammachiisuus Gama Biraan Yaaddoo Itti Uumee Jira  

Buufata namoonni sababa ongeetiin buqahan keessa jiran, Yaabeelo, Boorana, Guraandhala 28, 2023

Waggoottan darbaniif kan hoongeen miidhaa ture naannoleen kibbaa fi kibba bahaa Itiyoophiyaa rooba gannaa amma roobuu jalqabeen bokkaa idilee olii argatataa kan itti fufan ta’uu dhaabbati raaga haala qilleensaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Obbo Mulu’aalem Aberraa, gaggeessaan garee raaga qilleensaa fi hordoffii dhaabbatichaa waa’ee hoongee Meetiyooroolojii Itiyoophiyaa ammas Booranaa fi gujii naannoo Somaalee gama kibbaa fi Affaar dabalatee yoo xinnaate guyyoota afran dhufaniif rooba idileeol argatu jedhanii jiran.

Gama biraan jiraattonni Godina Booranaa bokkaan roobuutti gammadanusroobichii fi qorri loon harkatti hafte akka jalaa hin ajjeefne sodaa qaban dubbatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Bokkaan Kibbaa fi Kibba Bahaa Itiyoophiyaatti Roobe Jiraattota Booranaa Gammachiisuus Gama Biraan Yaaddoo Itti Uumee Jira