‘Nan Gammada’: Kitaaba Kuusaa Walaloowwan Haaraa  

Your browser doesn’t support HTML5

‘Nan Gammada’: Kitaaba Kuusaa Walaloowwan Haaraa  

Waloo Ximqataa Kumarraa, kuusaa Walaloowwanii mata-dureen isaa "Nan Gammada" jedhu, barreessuun, dhiheenya Galma Aadaa Oromootti eebbisiisee jira.

Waloo Ximqataan kanaan duras walaloowwan gosa garaa garaa waltajjiirratti dhiyeessuun dhaggeeffatoota biratti beekamtii argatee jira.

Kuusaan walaloowwan haaraa ‘Nan Gammada,” jedhus walaloowwan adda addaa seenaa, aadaafi duudhaa Oromoo irratti xiyyeeffatan ka of keessaa qabu tahuu dubbata, barreessichi walaloo yokaan waloo Ximqataan.