Amnestii Internashinaal Gabaasaa Isaa Waggaa Keessatti Haala Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Keessaa Ibsee Jira  

  • Tuujubee Horaa

Your browser doesn’t support HTML5

Dhaabbannii mirga namoomaatii falmu idil-addunyaa Aminestii Internaashinaal gabaasaa waggaa haala qabinsa mirga namoomaa biyyoottan addunyaa irraa qorachuun baase torban kana keessa ifa taasisee jira. Amnestiin gabaasaa isaa waggaa kana keessatti haala mirga namoomaa Itiyoophiyaa keessaa ilaalchisuun bal’inaan ibsee jira.