Weerarri Koleeraa Godinaalee Oromiyaa Shan Keessatti Hammaachuun Gabaasamaa Jira 

Poostarii nama koleeraan qabe tajaajilluf of eeggannoo barbaachisu agarsiisu Biiroo Fayyaa Oromiyaatin qophaahe

Weeraarri dhibee koleeraa naannoo Oromiyaa godinaalee shan keessatti mul'achuu isaa Biiroon fayyaa Oromiyaa beeksiseera. Sababa dhibee Koleeraatiin lubbuun namootaa darbuu Jaarmayaa Mootummootaatti biiroon qindeessaa gargaarsa namoomaa OCHA'n ibseera.

Taatamsa'ina weerara dhibee koleeraa kana ittisuuf hojjetamaa jirra, jedhu itti aanaan biiroo fayyaa oromiyaa fi qindeessaan damee hooggansa bala fayyaa hawasaa fi laaboraatoorii Dr.Tasfaayee Kabbaboo. Jiraattoonni godina gujii fi baale bahaa dhibeen kun saffisaan tatamsa'aa jira jechuun ibsanii,tajaajilli wal'aansa fayyaa hatattamaan akka qaqabu gaafataniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Weerarri Koleeraa Godinaalee Oromiyaa Shan Keessatti Hammaachuun Gabaasamaa Jira