Hongeen Wal Duraa Dubbaan Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaatti Mudaate Beeladaalee Fixaa Jiraachuun Ibsame

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Hongeen Wal Duraa Dubbaan Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaatti Mudaate Beeladaalee Fixaa Jiraachuun Ibsame

Naannoo kibba Itoophiyaatti horsiisee bulaan hongeef saaxilaman gargaarsi namoomaa gahaan akka isaaniif hin kennamnee fi loon isaanii du’aa akka jiran beeksisaniiru. Hanqina nyaataatiin kan dadhaban horsiisee bultoonni kun, dhukkubaaf saaxilamuu isaanii fi gariin isaanii miidhaa wal qabateen lubbuun isaanii darbuu himaniiru.

Hongee naannichatti waggoota walitti aansuun ture irraan kan ka’e horsiisee bulaan kuma 400 ol rakkoof saaxilamoo ta’uu waajjirri dhimma horsiisee bultoota naannichaa ibseera. Hoogganaan waajjira dhimma horsiisee bulaa naannoo sanaa Looree Kaakittaa sababaa beelaan namni du’e hin jiru, garuu beeladaaleen kuma 70 ol dhumaniiru jedhu jedha gabaasi Yonaatan Zebdiwoos.