Paartiileen Mormitootaa Haasawa Dhimma Nageenyaa Muummichi Ministaraa Taasisanii fi Haala Biyyattii keessaa Irratti Yaada Kennan 

Your browser doesn’t support HTML5

Paartiileen Mormitootaa Haasawa Dhimma Nageenyaa Muummichi Ministaraa Taasisanii fi Haala Biyyattii keessaa Irratti Yaada Kennan 

Muumichi ministeeraa mootummaa Itiyophiyaa Abiyi Ahimad torban kana yaa’ii paarlaamaa mana-maree bakka-bu’ootaa uummataa irratti gaaffii miseensota irraa dhihaateef ennaa deebii kennan, haalli nageenya biyyattii ka baatiilee jaha dura ture irraa fooyya’ee jira. Nageenya waaraa fiduuf ammoo irratti hojjechuu itti fufna, jechuun isaanii gabaasnee turre.

Isaan gurmuu hidhatee Oromiyaa keessatti humnoota mootummaa wajjiin wal-lolaa jiru, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin marii taasisuuf koree dhaabnee hojjetaa jirra, jedhaniyuu gurmuun sun garuu, qaama mootummaa irraa quunnamtiin isaan dhaqqabe akka hin jirre dubbate. Haasawa muummicha-ministaraa fi haala yeroo ammaa biyyattii keessa jiru irratti paartiileen mormituu Sagalee Ameerikaa yaada isaanii kennanii jiran.