Goodaantoota Lakkoobsaan Guddaa Baraarsuun Danda’amee Jira : MSF

  • VOA

MSF rescue ship Geo Barents rescues migrants in the Mediterranean

Hojii sa’atilee 11f hojjatameen, godaantonni 400 ol ta’an bidiruu qarqara galaana Maaltaa irraa baraarfamuu isaanii, gareen Doktooroota Daangaan hin Ugggurre ykn MSF Roobii har’a beeksisee jira.

Kunis erga dooniin garee kanaa, akeekkachiisa dhiphinaa ykn muddamsaa isa dhaqqabeef, deebii kennitee booda ta’u ibsee jira.

Sababa haala qilleensaa hamaa ta'een gara galaana Meditiraaniyaaniitti osoo deemaa jirtuu dooniin baraarsaa dhaabbata kanaa Geo Barents jedhamtu mallattoo dhiphina kana akka argatte dhaabbati tola ooltummaa kun Tiwiitara isaa irratti barreesse.

Geo Barents dhumarratti Kibxata kaleessaa ganama sa'aatii 4:00tti "galaana obomboleettiin raafamuu keessatti sa'aatii 10 ol erga deemanii booda" bidiruu kana bira ga'aniiru jedha MSF.

Haalli qilleensaa hamaa waan tureef kallattiin hojii baraarsaa jalqabuu hin dandeesiifne. Sababiin isaas lubbuu godaantootaa fi kan garee MSF balaadhaaf saaxiluu danda'a ture," jedhe hanga walakeessa guyyaa boodaatti eeguun akka irra ture ibse.

''Sa'aatii 11 ol erga hojjetamee booda amma baraarsichi xumuramee dubartoota 8 fi daa'imman 30 dabalatee, walumaa galatti namoonni 440, amma nagaadhaan baraarfamuu dhaabbati tola ooltummaa Doktooroota daangaan hin uggurre ykn MSF Tiwiitara ofii irratti barreessee jira.

Baraarsitoonni kun, ergama lubbuu baraaruu galaana Meditiraaniyaanii keessatti gaggeessaniin, seera mootummaa haaraa cabsaniiru jedhamuun baatii Guraandhala keessa aanga'oota Xaaliyaaniitiin to'annoo jala oolaniiru.