Sudaan Kibbaa Keessatti Namoonii 13 Beelaan Du’uun Isaanii Ibsameera

  • VOA

Beela Sudaan Kibbaa keessaan Miidhaan Dhaqqabaa Jira

Sudaan kibbaa keessatti hanqinaa nyaataa fi bishaanitin kan ka’e namoonni 13 du’uun isaanii gabaasameera. Miseensonni hawaasaa biyyatti “Ji’ee “ jedhamee beekamuu dhibbaatamatti lakkawaman balaa beelaatiif saaxilamuu isaanii dhaableen gargaarsa namoomaa ibsaniiru.

Dhaabanii oduu Asooshiyeetid Prees/APn dhaabilee gargaarsa namoomaa waabeffachuudhaan akka gabaasetti, hanqinaa midhaan nyaataatin kan ka’ee lammiileen hawaasa Ji’ee kumaatamaan lakkawaman lubbuu isaanii baraaruudhaaf ija muka daggalaa nyaachaa jiranus bishaan dhugaatii gahaa ta’e argachaa waan hin jirreef rakkina cimaa keessa jiru.

Rakkina waggoottan Sadan darbanii kaassee jabaachaa deemee Kanaan dhiheenyaa kana jaarsoliin 10 fi daa’imman 3 du’uu isaanii haanga’onni bulchiinsa naannoo fi kan gargaarsa namoomaa AP ti himanii jiru.

Kanaan dura, hawaasiin Ji’ee beelaa baqachuudhaan gara bulchiinsaa naannoo “Gireeter Piiboor” jedhamutti baqachuudhaan bakka Boomaa jedhamuu qubachuu yaalanus sochiin isaanii gara hokkoraatti waan jijjirameef ta’uufii hin dandeenye.

Yeroo ammaa namoonni kumma Shanii ol ta’an bakka wiirtuu gargaarsaa irraa kiloomeetirii 75 bakka fagaatee jiru irraa qubatanii kan jiran yemmuu ta’u, haalii isaan keessa jiran hamaa ta’uu isaa komishineriin bulchiinsaa godina kibba Kaapo’eetaa Emaanu’eel Epoony APf ibsanii jiru.

Barra 2022 dhaabannii mootummootaa gamtoomani Sudaan kibbaa keessatti namoonni Miliyoonii 1.7 balaa beelaatiif akka saaxilaman, namoonii miliyoonii 2 ta’an immoo akka jireenyaa isaanii irraa buqqa’an beeksuusuun isaa gabaasameera.