Naannoon Caamaan Miidhaman Gargaarsa Hatattamaa Barbaadu :OCHA

  • VOA

OCHA

Namoonni miiliyoona 3.2 kanneen Ityoophiyaa naannoo Caamaan -miidhame keessatti argaman, walakkaa waggaa jalqabaa keessatti gargaarsa hatattamaa kan barbaadan ta’u dhaabnii gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa (OCHA) beeksisee jira.

Ochaan suuraa Caamaam kaleessa maxxansee akka agarsiisutti, godiinaalee Baalee, Booreena, Baalee Bahaa, Gujii fi Gujii Lixaa fi bulchiinsa naannoo Somaalee keessaa, Afder, Daawaa fi Liiban akkasumas godiins ummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa keessaa, Godiina Konsoo fi Oomoo Kibbaa baay’ee miidhamaniiru.

Hojiiwwan deebii dursaa kennuu fi murteessoo ta'anis dameelee hunda keessatti adda baafamaniiru" jechuun Ochaan ibseera jechuu isaa Yonaataan Zabdiwoos gabaasee jira.