Hogganaan Irree Waraanaa Sudaan Walii Galtee Mallatteesuuf Eegaan Jira Jedha

  • VOA

SUDAN-POLITICS-DEMO-UNREST-soudan

Humni waraanaa gar-tokkee walitti makamuu irratti falmiin uumamus, waliigaltee dhumaa mallatteessu kan yeroo lama harkifaee jiraatus, karoora ce’umsa haaraa gara filannootti taasifamuuf qophaa’eef kutannoo qabaachuu isaanii Hogganaan waraana Sudaan Kamisa kaleessaa ibsanii jiru.

Waliigaltichi mootummaa siiviilii akka ijaaramu tumee fi hawaasni addunyaa cimsee deeggeruu, fonqolcha mootummaa Onkoloolessa bara 2021 booda qaawwaa siyaasaa uumame duchuuf kan yaadame ta’uu ibsameera.

Garuu hojiin walii mallatteessuu kun, yeroo lammaffaaf Roobii dabree galgala yeroo kan biraatti darbe. sababiin isaas waraanni fi Humnoonni Deeggarsa Saffisaa humna waraanaa gartokkee (RSF) gurmaa’insa waraanaa irratti waadaa akkamii akka galan marii itti fufaniiru.

Waliigaltichi mormii "koreewwan diddaa" dimokiraasii deggeran kanneen marii waraanaa waliin taasifamu didanii fi erga fonqolcha mootummaa ce'umsa siyaasaa kanaan duraa karaa irraa maqse booda mormii farra waraanaa geggeessaa turan irraa mormiin isa mudataa jira.

Hiriira ummataa guddaa bara kana guutuu Sudaan keessatti mul’ate Kamisa kaleessaa gaggeessan, waggaa afraffaa bara 2019 bulchaa abbaa irree kan ture Omar al-Bashir aangoo irraa kaafamuu sababa ta’e kabajanii jiru.