Kantiibaan Magaalaa Naqamtee Obbo Toleeraa Raggaasaa hidhamuu isaanii haati warraa isaanii Sagalee Ameerikaatti himan.
Hojjataan Bulchiinsa magaalichaa tokko, “Kantiibaa dabalatee angawoonnii fi hojjattootni bulchiinsa magaalichaa hedduun ajjeechaa torban darbe kan Itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa irratti raawwateen wal qabatee shakkamanii hidhamaniiru” jechuun dubbatan.
Dhimma kanarratti, angwoota Poolisii, Komunikeeshiii, Nageenyaa fi Bulchiinsaa Naannoo magaalaa Naqamtee irraas tahe Naannoo Oromiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasisne hin milkoofne.