Dhaabbatni Maqaa Luba Guddinaa Tumsaan Hundeessame Wagga 30ffaa Isaa Ilaalchisee Finfinneetti Qophii Tokko Geggeessee Jira 

Your browser doesn’t support HTML5

Dhaabbatni Maqaa Luba Guddinaa Tumsaan Hundeessame Wagga 30ffaa Isaa Ilaalchisee Finfinneetti Qophii Tokko Geggeessee Jira

Lubi Guddinaa Tumsaa gaggeessaa Waldaa Amntootaa kiristaanaa, beekaa Amantii fi falmaa mirgaa namoomaa biyya keessaa fi alatti maqaa guddaa qabanii fi bara mootummaa Dargii ajjeesaman yoo tahu, faawundeeshiniin maqaa isaaniin hundeessame dhuma torban dabree, waggaa 30ffaa hundeessama isaa ilaalchisee qophii guyyoota lamaa Finfinneetti geggeessee ture. Biruuk Ayyelee prezdentiin Seeminarii Waldaa Makaane iyyessuus, Lubi Guddinaa Tumsaa waldaan Kiristiyaanaa, tajaajila amantii gaggeessuutti dabalee, itti gaafatamummaa hawaasummaa fi diinagdee akka qabdu nama ifatti biyyaa fi addunyaaf nama beeksisan, jedhan.