Prezidaaniin Yunaayitid Isteets Joo Baayiden turban kana biyya Ayerlaanditii daawwachuuf yemuu imaalaa jiran kannatt Ayirish lammanuu akka daawwatan ibsameera. Baayiden dawwanaa isaanii Kanaan yaadannoo wagga 25ffaa waligaltee nageenyaa Ayerlaand kaabaa irratti kan hirmaatan yemuu ta’u, magaalaa firoottan isaanii duraaniis ni daawwatu.
Prezidaant Baayiden kan Ayerlaandiin daawachuuf deemman yemmuu walgalteen nageenyaa biyyatti qormaataa keessa jiruufi halelaan finciltootaa darbee darbee taasifamaa jiru ti.
Haalaa nageenyaa amansiisaa hin taanee kessatti garaas deemuun isaanii ammam abdachiisaa akka ta’ee kan gaafataman dubbi himaan mana maree dhimma nageenya biyyaalesaa Joon karbii, Prezidaant Baayiden garas deemuu isaaniitif akka rakkoo hin qabne ibsuun isaanii gabasameera.
Prezidaant Bayiden Roobii Borii garaa Ayerlaand Kibbaa deemuudhaan bakkaa froottan isaanii duraanii guyyoottan sadiif kan turan yemuu ta,u kutaa biyyaa Maayoo keessaatti kan argamuu magaalaa Ballinaa isa bara 1800moota keessaa garaa Amerikaatti godaanuudhaan duraa abaabayuuleen isaanii keessa jiraachaa turan akka daawwatan ibsameera.
Baayiden Firoottan isaanii yaadachuudhaan allatti, prezidaantii Ayirish Maayikle Hagiins wajiin paarlama biyyatti irratti erga argamani boodaa sagantaa Irbaataa masaraa Dabiliin keessatti qophaa’e irratti akka hirmaatan beekameera.
prezidaant Baayiden Beelfaastiin erga gahanii booda guyaa itti aanu magaala Beelfatitti kan argamu Yuuniversitii Ulste rti haasaa taasisuu isaaniitiin duraa Muumicha ministeeraa Biriiteen Riishii Sunak wajjin akka walgahii taasisan gabaasameera.