Mormii Lubbuu Galaafateen Booda Daldalaawwan Naannoo Amaaraa Banamanii Jiran

  • VOA

Magaala Dasee, naannoo Amaaraa (Suuraa faayilii)

Humnoota naannoo addaa caasaa nageenyaa ka birootti makuuf karoora ba’een walqabatee mormii cimaa guyyoota jahaaf geggeeffamaa erga tureen booda manneen daldalaa deebi’anii banamuu fi sochiin tiraafikaa wiirtuuwwan magaalota naannoo Amaaraa jalqabuu jiraattonni dubbatanii jiran.

Lola waggaa lamaaf naannoo ollaa Tigraay keessatti geggeeffamaa turee fi baatii Sadaasa darbe waraana dhaabuun xumurame hordofuun hiriira mormii haaraa ta’e kanaan yoo xiqqaate namoonni shan du’aniiru.

Walitti bu'iinsi naannoo tokko tokkotti uumame tarkaanfii humnoonni nageenyaa fudhatanii fi haleellaa namoota hidhatan kanneen eenyummaan isaanii hin beekamneen raawwatameen, hojjettoota gargaarsa namoomaa dabalatee, lubbuun namoota nagaa baduu fi balaan madaa'uu dhaqqabee jira jechuu dhaan komiishinni mirga namaa Itiyoophiyaa ibsee jira. Mormitoonni akka jedhanitti, humni addaa Amaaraa gara poolisii federaalaa fi waraana biyyaalessaatti makamuun isaa, biyya gosaan addaan wal qoode keessatti naannichi haleellaa naannolee biroof akka saaxilamu taasisa.

Muummichi ministeeraa Abiy akka garuu tarkaanfiin kun tokkummaa biyyaatiif akka ta'e dubbataniiru. Humnoonni Amaaraa ennaa walitti bu’iinsa namoota kumaan laka’aman galaafatee kanneen miliyoonaan laka’amee, caasaalee jiran mancaasuun beela hammeesse sana kkeessatti loltoota Abiy cina hiriiruu dhaan humnoota Tigraa lolaa turan.

Jiraattonni magaalaa Gondar, magaalaa Baahir Daar fi Debree Birhaan, kanneen mormiin kun keessatti geggeessame, manneen daldalaa, baankilee fi waajjiraaleen mootummaa deebi’anii banamuu, konkolaataan socho’aa jiru jedhan

Magaalattiin amma gara hojii idileetti deebi'uutti jirti jedha jiraataan magaalaa Debree Birhaan maqaan isaa akka hin dhahamne gaafatan tokko angawoonni magaalaalee hanga tokko keessatti uggura sa’aa kaa’aniiru, garuu guutummaatti hojii irra akka hin oolle dubbachuu isaa gabaasi Rooyiters eeree jira.