Koolu Galtoonni 700tti Hedaman Kataaniyaa Ga’anii Jiran

  • VOA

FAAYILII - Godaantoota Sisilii seenaan, Xaaliyaanii, Caamsaa 11, 2021.

Godaantonni dhibbaan lakkaa’aman bidiruu moofa irra turan, Kibxata darbe Eegdota Galaanaa Xaaliyaaniitiin gara buufata doonii Sisilii Kaataaniyaatti yeroo bidiruttiin harkifamtu gammachuu isaanii ibsaniiru. Godaantonni bidiruu kanarra turan tilmaamaan 700 ta'an boba'aan isaanii yeroo dhumu galaana gidduutti danqaman.

Hogganaan Fannoo Diimaa Kaataaniyaatti argamu Isteefaanoo Prinsipaatoo akka jedhanitti, namoonni haaraan dhufan kun osoo ''guutummaa Xaaliyaanii keessa bakka jiraataniti hin bobbaafamin dura wal’aansa yaalaa fayyaa argatanbi jiran.

Dhaabbanni godaantotaa kan Tokkummaa Mootummootaa akka jedhetti, ji’oonni sadan jalqabaa kan bara kanaa waggoota jaha keessatti ka godaantotni bidiruu namoota seeraan ala nama deddeebisaniin galaana Meditiraaniyaanii utuu qaxxaamuranii itti du’an isaa hamaa dha. Jarmayaan koolu galtootaa addunyaa Roobii kaleessaa akka jedhetti, du’a sana irra hedduuf kan gumaache, hojiin baraarsaa mootummaan hoogganamu boodatti harkifachuu isaa ykn gargaarsi homtuu dhabamuu isaan kan ka’e.

Nuusa waggaa kanaa jalqabaa irra jaarmiyichi imala balaafamaa kooltu galtoonni galaana Afriikaa kaabaa fi Awrooppaa gama kibbaa qaxxaamuruun geggeessaniin 441 du’uu isaanii galmeessee jira.