Humnoonni Addaa Naannoo Amaaraa Caasaa Humnaa Addaatti Makamuuf Galmaawaa Jiru  

  • VOA

Sochiin Umnaa addaa bulchiinsaa mootummaa naannoo Amaaraa caasaa qaamoolee nageenyaa birootti makuu hojii irraa olaa jiraachuu isaa mootummaan naannichaa ibsee jira.

Dubbi himaan bulchiinsaa mootummaa naannoo Amaaraa Obbo Gizaachoo Muluneeh, jimaataa har’aa magaala Baahirdaar keessatti ibssa gaazexessootaaf kennaniin akka himanitti , miseensonni Umnaa addaa naanichaa caasaa umnaa ittisaa biyaatti, poolisii feederaalaa fi poolisii naanichaa keessatti ramadamuudhaaf galmaa’uu jalqabanii jiru.

Karooraa mootummaa kana kan ojii iraa oolchuun jalqabamee mormiin hawaasaa fi umnaa addaa mariidhaan hiikamuu isaa hordofuudhaan akka ta’ee mootummaan naanichaa ibseera.

Akka dubbi himaana mootummaa naannoo Amaaraa dabalanii ibssanitti, gareewwann hidhaatanii naanicha keessa sochoo’aa jiraanuufs mootummaa carraa adda addaa dhiheeseefii jira.

Umnaa addaa naanichaa dhiidhaan caasaa biraa keessatti ramaduu irratti karooraa mootuummaan baasee moruudhaan sochiin nannichaa keessatti taasifamaa jiruu kaleessaa jalqabee tasgabaa’u isaafi naannichii garaa haalaa nageenyaatti deebi’uu issaa Asteer Misgaanaawu Baahir Daar irraa gabaasteetti.