Shawaa Roobititti Humnoota Addaa Naannoo Amaaraa Irratti Haleellaan Raaw'atamuun Himame  

  • VOA

Naannoo Amaaraa

Godinaa walloo kibbaa bulchiinsaa naannoo oromiyaa keessatti haleellaa konkola’ataa irratti raawwatameen namoonni heduun ajjeefamuun isaanii gabaasamee jira.

Haleellaan kun kan raawwatee konkolataa namootan fe’ee godinaa walloo kibbaa irraa garaa magaalaa Shawaa Roobititti imaalaa jiruu irraati bakka Sambatee jedahmuutti akka ta’ee gabaasinii kun ibseeraa.

Gabaasaan Sagalee Amerikaa Masfinii Argee namoottan haleellaa sana jalaa miliqan waabeffachuudhaan akka gabaaseetti, haleelchaa kan raawwatan hidhattootaa Waraanaa Bilisummaa Oromoo ykn isa Shanee jedhamee waamamu yemuu ta’u, namoottan ajjeeffaman immoo miseensotaa umna addaa naannoo Amaaraa wareen waligaltee mootummaa wajjin taasifameen garaa mana isaanitti deebi’a turan.

Dhaabaa haleellaa kana raawwateera jedheeme WBO fi dubbii himaa idilee adduunyaa kan ta’an obboo Odaa Tarbii dhimmaa kana irratti deebii sagalee Amerikaatiif kennaniin dhaabanni isaanii gochichaa akka hin raawwanne ibsanii jiru.

Gumiin hawaasaa Oroomoo biyyaa alaa OLLAA jedhamee beekamuu kalessaa ibsaa baase keessatti, umnoon addaa naannoo Amaaraa Ebla 10 bara 2023 godina walloo kaabaa anaa Jiilee Dhumuugaa jedhamutti dhalatootaa oromoo Shan ajeesuu isaani eeree jira.

Dhimmaa kana irraatti akka odeeffannoo qaban kan gaafataman Oboo Odaa Tarbii bakka jedhametii lammiileen Oromoo du’uu isaanii akka dhagahan ibsanii, haleellaan Sahawaa Roobititti rawwatamee haaloo ba’uumsaa ta’uu fi dhiisuu irraatti akka quba hin qabne ibsanii jiruu.

Dhimmaa kana irratti karaa mootummaa naannootinis ta’ee mootummaa feederaalaa irraa ibsii iffatti keennamee akka hin jiree gabaasaan VOA Masfin Araagee ibsera.