Yunaayitid Isteetis Hoogganoota Tokkummaa Mootummootaa Basaaste ka Jedhame Ilaalchisee Dhabbatichi Sirnaan Yaaddoo Isaa Dhiheesse

  • VOA

Wajjira Muummee Tokkummaa Mootummootaa, Niiw Yoork, Fulbaana 21, 2021.

Waashingitan barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guterees fi qondaaltota olaanoo dhaabatichaa biroo basaaste gabaasa jedhu irratti Tokkummaan Mootummootaa himannaa sirnaa Ameerikaa irratti dhiheessee jira.

Dubbi himaan Tokkummaa Mootummootaa Stephane Dujarric Kibxata kaleeessaa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “Amma gabaasa dhiheenya kana ba’e kan Gutarreesii fi aangawoonni dhaabatichaa biroon qunnamtiin qaban Amerikaan hordofamaa jira jedhu ilaalchisee, Amerrikaaf yaaddoo keenya ifatti ibsineerra jedhan.

Tokkummaan Mootummootaa wiixata dabree galgala karaa Ergamaa Amerikaa kan dhaabticha keessa jiraniin, xalayaa ergeera jedhan. Hanga Kibxata waaree boodaatti deebiin akka hin arganne himaniiru.

Gochoonni akkanaa dirqama Ameerikaa Chaartara Tokkummaa Mootummoota fi Konveenshinii Mirga fi Bilisummaa Dhaabbatichaa keessatti tarreeffamte waliin kan wal hin simne ta’uu ifa gooneerra,” jedhan Dujarric.

Mootummaan Yunaaytis Isteetis qabiyyee galmeelee miliqan kanaa irratti yaada hin kennine.

Gabaasni yeroo dhiyoo kan Wiixata dabree Gaazexaan Washington Post’n maxxanfame, Guterres baatii Guraandhala bara 2023 imala gara Itiyoophiyaa kaabaa tti imaluuf gaaffii dhiyeessan, ministirri haajaa alaa Itiyoophiyaan fudhtama dhabuu isaan mufachuu isaanii, garu walgahii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf gara Itoophiyaatti imaluu isaanii ibsee jira. Guterres imala kanaan Finfinnee dhaqan iyyu gara Biyyatti kaabaatti hin imaliin hafan. Jedha.