Walii-Galteen Dhukaasa Dhaabinsaa Haaraan Taasisamus Kaartum Keessatti Dhukaasi Itti Fufee Jira

  • VOA

Karaa duwwaa hafe, Kaartuum, Sudaan, Ebla 18, 2023.

Ennaa baatiin Ramadaanaa dhumataa jiru kanatti Kamisa har’aa ganamna Kaartuum keessatti qaamni lamaanuu dhukaasa dhaabiinsa sa’aatii 24 akka kabajan ibsanis lolli itti fufee jira. Walii galteen kana dura irra ga’ame jalqaba torbanii fashale.

Yaaliin dhukaasa dhaabiinsaa inni haaraan kan tolfameef, guyyoota shanan darban jeneraalota biyyattii beekamoo lamaan gidduutti wal waraansa geggeessameen lammiiwwan Sudaan miliyoonaan laka’aman afaan balaa jiraachuu isaanii ilaalchisee yaaddoon jiru dabalaa waan dhufeef jecha.

Walii galteen dhukaasa dhaabiinsaa sun Roobii galgala gara sa’a 12tii qabee erga hojii irra oolee booda, itti fufuu dhaan walakkeessa magaalaalaatti darbee darbee walitti bu’iinsi itti fufee jira.

Namoonni Kaartuum keessatti kan raawwatamu haleellaa boombii fi haleellaa samii irraan geggeessamu jalaa dheessuuf jecha manatti ugguramanii kan jiranii fi jiraattota abdii kutan hanqinni nyaataa fi dhiyeessii ka biroo isaan mudatee jira

Hospitaalonni miidhaan irra ga’uu dhaan cufamuuf dirqamaniiru, ykn madoo dhaan guutamaniiru. Hojjettoonnis hedduu dadhabaniiru, meeshaaleen wal’aansa fayyaas dhumateera. Humnoonni hidhatan suuqilee saamuu dhaan nama alatti argan mara saamaa jiru.

Jiraattonni mgaalaa Kaartuum bishaanii fi meeshaalee bu’uuraa barbaachisan guuttachuuf yaalaa jiran. Meeshaa bishaan itti waraabbatan duwwaa baatanii bishaan guuttachuuf ennaa eeggatan illee argamaniiru.

Guyoota shanan darban, namoonni gara 300 ta’an du’uu isaanii dhaabbati dhimnootii fayyaa kan Tokkummaa mootummootaa ibsee jira. Garuu reeffi namootaa daandii irraa utuu walitti hin qabamin waan jiruuf miidhaan dhaqqabe hamaa ta’uu danda’a.

Lammiileen Sudaan sodaa guddaa keessa galan kanaan dura meeshaa baatanii deemuu danda’an hunda harkisanii magaalaa Kaartuum keessaa ba’uuf yaalaa turan.

Loltoonni Humna Qilleensaa Masrii 177 Biyya Isaaniitti Deebisamuu Waraanni Sudaan Beeksise

Waraanni Sudaan kamisa har’aa akka beeksisetti loltoonni humna qilleensaa Masrii 177 kanneen Sudaan kaabaa magaalaa Merowee keessatti humna addaan qabamanii turan xayyaaraan gara Masriitti deebisamaniiru jedhee jira.

Akka gabaasa Rooyitersitti, Waraanni Sudaan ibsa baaseen, lammiiwwan Masrii kun xayyaara waraanaa Masrii afuriin magaalaa gama kaabaa Dongolaa keessaa baafamaniiru jedhe. Loltoonni kun akka jedhanitti lammiiwwan Masrii Sudaanitti kan argamaniif shaakala waraanaa waloo irratti hirmaachuuf jecha. Waraanni Masrii waraanni gamasii baafamuu kana hin beeksisne garuu kanaan dura ibsa gabaabaa kenneen loltoonni kun akka deebi’an mirkaneessuuf aangawoota Sudaan waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru ibseera.

Sambata darbe guutummaa Sudaan keessatti Humnootas addaa fi waraana gidduutti walitti bu'iinsi erga uumamee booda, humnonni addaa viidiyoo loltootoonni Masrii magaalaa karaa magaalaa guddoo Sudaan Kaartuum fi daangaa Masrii gidduu jirutti harka kennachuu isaanii agarsiisu ifoomsee jira. Viidiyoon kun dhiironni huccuu waraanaa uffatan lafa jilbeenfatanii miseensota humna addaa RSF jedhaman waliin afaan Aabaa loqoda Masriin ennaa dubbatan mul’ise.

Prezidaantiin Masrii Abdel Fattaah al-Siisii wixata darbe loltoota Masrii nageenya isaanii mirkaneeffachuuf humnootii addaa Sudaan waliin guyyaa guyyaan wal quunamaa akka turan beeksisan.

Chaad Loltoota Humna Addaa Sudaan Kanneen Kibxata Darbe Gara Daangaa Isheetti Ce’an Hidhannoo Hiikkachiise Jetti

Waraanni Chaad garee loltoota Sudaan 320 of keessaa qabu kan Wixata darbe biyyattii Afrikaa Dhihaa seenan dhaabsisuu dhaan hidhannoo hiikkachiisuu Ministirri Ittisaa Daawud Yaayaa Biraahim Roobii kaleessaa ibsaniiru.

Biraahim ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin wal-dhabdeen lammiilee Sudaan gidduutti uumame baqattootoonni haaraan gamasitti akka yaa’an gochuu akka danda’u ibsuu dhaan nageenya eeguun rakkisaa ta’a jedhan.

Mootummaan Chaad Dilbata darbe daangaa Sudaan waliin qabdu cufee, yaaliin fonqolcha mootummaa garee waraanaa guddicha Sudaaniin Kaartuum keessatti kan raawwatame fakkaata jechuu dhaan tasgabbiin akka jiraatu gaafate.

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Afrikaa Dhihaa akka jedhanitti, biyyattin kanaan dura baqattoota Sudaan kuma 400 ol keessummeessiteetti.

Baqattoonni lammii Sundaan bara 2003 irraa eegalee nu waliin turan kuma 400 ol qabna jedhan Biraahim. Bor yoo haalli hamtuun mudate, biyya kanaaf daafoon isaa akkam akka ta’e arguuf jirra jedhan.