Hoogganoonni ABO Buraayyutti Hidhaa Keessa Turan Amma Eessa Akka Jiran Akka Hin Beekne Abukaatoon Isaanii Dubbatan

Asxaa ABO marsariitii paartichaa irraa argame

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa magaalaa Buraayyuutti kanneen hidhaa keessa turan hoogganoonni Adda Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa eessa akka jiran kan beekne tahuu abukaatoon isaanii Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Hoogganoonni ABO Buraayyutti Hidhaa Keessa Turan Amma Eessa Akka Jiran Akka Hin Beekne Abukaatoon Isaanii Dubbatan

Hidhamtoonni dheengadda jechuun gaafa Kibxataa bakka hidhamanii jiranii humna Koomishinii poolisii Oromiyaatiin fudhatamuu isaanii kan abukaatoon isaanii dubbatan irratti hundaa’uudhaan eessa akka geessamanii fi haala keessa jiran hubachuuf Sagaleen Ameerikaa Qajeelcha Poolisii Buraayyuu, Koomishinii Poolisii Oromiyaa fi Abbaa-alangaa Federaalaatti bilbiluun carraaqqiin taasise hin milkoofne.

Gama biraan Addi Bilisummaa Oromoo haalli hoogganoota isaa kun kan isa yaaddesse tahuu beeksisee jira.