Bulchiinsaa Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaatti Namoottan 93 Hidhamaniiru 

  • VOA

Naaannoo uummattoota Kibba Itiyooophiyaa

Ministirri haqaa mootummaa Ityoophiyaa godina walaayitaa keessatti sababa filannootiin walqabatee namoottan 93 hiduu isaa beeksisee jira.

Namoonni kun kan hidhaman filannoo keessaa seenudhaan hojiiwwan seeraan alaa buufatalee filannoo addaan bahanii hin himamne keesaatti raawachuu isaaniitin shakkamanii akka ta’e ibsameera.

Minstiraa haqatti itti gaafatamaan dhimmaa yakkaawwan qindaawanii fi daangaa qaxxaamuranii kan ta’an obbo Eyoosaad Abejje, akka Sagalee Amerikaati himanitti shakkamtoonni 43 amma iyyuu barbaadamaa jiru.

Boordiin filannoo biyyaalessaa Ityoophiyaa ji’a Guraandhalaa keessaa ibsa kenneen hojii seeraan alaa raawwatameen kan ka’e bu’ii filannoo referendamii Walaayittaa haquu isaa Yoonaataan Zebdiyoos gabaaseera.