Gurmuun Hidhattootaa Gaambellaa Karaa Nagaa Qabsaa’uuf Qawwee Lafa Kaa’anii Deebi’uu Mootummaan Naannichaa Beeksise

Your browser doesn’t support HTML5

Gurmuun Hidhattootaa Gaambellaa Karaa Nagaa Qabsaa’uuf Qawwee Lafa Kaa’anii Deebi’uu Mootummaan Naannichaa Beeksise

Gurmuun hidhattootaa, Warraaqsa Bilisummaa Gaambellaa jechuun of waamu, miseensotni isaa 195 tahan meeshaa waraanaa lafa kaa’uun gama nagaan qabsaa’uuf kaleessa naannoo Gaambellaa seenuu mootummaan naannichaa beeksise.

Ajajaan gurmuu hidhattoota kanneenii Gaatluwaak Buum Paal, waamicha nagaa muummeen ministiraa Itoophiyaa Abiyyi Ahmad taasisan hordofuun waraana isaanii qabatanii Gaambellaa seenuu isaanii Sagalee Ameerikaatti himan.