Dargaggoo Abboomaa Margaa Waa’ee Walaloolee Isaa Maal Jedha?

Your browser doesn’t support HTML5

Dargaggoo Abboomaa Margaa Waa’ee Walaloolee Isaa Maal Jedha?

Dargaggoo Abboomaa barreessaa walaloo fi barreeffamoota adda addaati. Dhiyeenya kana kitaaba walaloo “Araada” jedhamu maxxansiise keessatti walaloowwan Amantaa, Dhugaa, Jaalalaa fi Abdii irratti xiyyeeffatan walalloolee adda addaa walitti qabuu isaa fi walalaloolee sana waggoota lamaaf barreesuu isaa Sagalee Ameerikaatti himee jira. Barreessaan Waldaa barreessitoota Oromiyaa, Lalisaa Idris Adam ammoo Abboomaan walaloo Afaan Oromoo barreessuun maqaa moggaasuufii illee dabalatee dargaggoo dandeettii addaa qabu, jedha.