Mootummaan Itiyoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo Marii Nagaa Taanzaaniyaatti Jalqabuuf Jiran

Your browser doesn’t support HTML5

Mootummaan Itiyoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo Marii Nagaa Taanzaaniyaatti Jalqabuuf Jiran

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Abiyyi Ahimed mootummaa biyyattii fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti mareen nageenyaa Taanzaaniyaatti Kibxata boruu akka jalqabamuuf jiru beeksisanii jiran. Waraanni Bilisummaa Oromoos achii booda ibsa baaseen mariin jedhame kun karoorfamuu isaa fi akkuma kanaan dura gaafataa turetti bakka qaamni sadaffaan jirutti ka geggeessamu tahuu ibsee jira.

Mariin mootummaa fi WBO gidduutti geggeessamuuf karoorfame kun nagaa nuuf buusa, jedhanii akka abdatanbakkawwan qaamonni lamaan itti wal lolaa jiran keessa jiraatan tokko tokko Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Tsahaay Daamxoo Finfinnee irraa kana irratti gabaasaa qabdi.