Yoo Haalli Qilleensa Naannoo Hin Jijjiiramne Hangee Gaanfa Afrikaatti Deddeebi’aa Jiruuf Furmaata Arguun Hin Danda’amu, Jedhame 

  • VOA

Lammiiwwan Somaalee gogiinsaan miidhame keessatti beela jalaa baqatan daandii guddaa daangaa Somaaliyaa irraa gara kaampii baqattootaa naannoo Dadaab, Keeniyaatti geessu oggaa deeman

Gaanfa Afrikaatti sababaa Gogiinsan namoonni Miiliyoona 4.35 ta’an deeggarsa namoomaa barbaadu. Akka qorannoon qorrattoota haala jijjirama qilleensa Addunyaa Ifoomsetti namoota deeggarsa nmoomaa barbaadan kanneen keessaa namoonni 43,000 Somaaliyaa keessaa akka ta’edha.

Bara 2020 irraa kaasee biyyoota gaanfa Afrikaa Itiyoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti yeroo shaniif roobni waqtii isaatiin osoo hin roobiin hafuun goginsi hamaan waggootan 40 booda deebi’uu danda’eera.

Akka qorannoo kanaattis sababaa ho’insa naannoowwan kanaatti hurki humnaa olii hurkuun akka ta’edha. Gaanfa Afirikaatti Naannoowwan goginsi mudate kanatti yeroo ja’aaf roobni akkaroobu ragawwan haala qilleensaa himanis osoo hin roobiin hafeera. yeroo amma garuu rooba argachaa jiru jedheera.