Citi Lafaa Arsii Lixaatti Lubbuu Namoota Afurii Galaafate Yaaddoo Uume
Ji’a darbe Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaashamanneetti lafti cite lubbuu namoota afurii battalaan galaafatee jira. Lafti aanaa Shaashamannee ganda Ifaajjee Gooleetti cite kun waggoota digdamaaf turuu kan dubbatan jiraattonni naannochaa Gurraandhala 14, bara 2023 namootni daa’ima cita lafaa kana keessaatti kufe oolchuuf seenan martuu bifa hin beekamneen battalaan lubbuun isaanii darbuu VOA’f dubbatanii jiran. Jiraattonni kun haalli kun citi lafaa kun mana namaallee jigsaa jiraachuu dubbatanii, kanaaf qorannoon taasifamee fala akka argatan gaafatanii jiran. Yuuniversitii Saayinsii fi Teknoolojii Adaamaatti barsiisaan muummee barnoota Jii’ooloojii, Tolaa Garoo, naannoo sanarratti qorannoo gahaan amma taasifamutti jiraattonni kun irraa fagaachuu akka qaban himanii jiran.