KFO’n Mariin Nageennyaa Mootummaa fi WBO Gidduutti Eegalame Akka Itti Fufu Gaafate  

Your browser doesn’t support HTML5

Mariin waldhabdee karaa nagaatiin hiikuu mootummaa Itiyoophiyaa fi WBO gidduutti Taanzaniyaa keessatti jalqabamee akka itti fufu KFO waamichaa dhiheessee jira. Ibsa partichii kennee irratti hoggannan partichaa Profeeseer Marara Guddina akka mariichii milkaa’u hawaasinii adduunyaa fi qamawwan dhimmichi ilaaallatu akka deggersa taasisan gaafataniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaadara Yunaayitid Isteetis kan ta’an Tireesii Jaakobsen gama isaaniitiin marichi akka itti fufu Abdii qaban ibsaniiru.