Mariin Nagaa WBO fi Mootummaa Gidduutti Taasifame Itti Fufa, Jedha Mootummaan Naannoo Oromiyaa 

Your browser doesn’t support HTML5

Mariin nagaa mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifamaa jiru kan itti fufu ta’uu Mootummaan Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa beeksisee jira.Mootummaan naannichaa marii nagaa kana milkeessuu keessatti paartileen siyaasaa, hayyoonni, maanguddoonnii fi ummanni biyyattii guutuun ga’ee isaanii akka bahatanis waamicha dhiyeessee jira.

Itti gaafatamaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaa obbo Haayiluu Addunyaa ibsa har'a sabaa himaaleef kennaniin mootummaan marii nageenyaaf ejjennoo qabu cimsee itti fufa, jedhan.