Loltoonni Afrikaa Gama Kibbaa Ripaabliika Deemookraatawaa Kongoo Keessatti Bobbaafamuuf Jiru

  • VOA

Murtee kana irra kan ga’ame marii hoggantoonni biyyoota hedduu irratti hirmaatanin ta'uutu ibsame.

Ripaabiliika Dimookiraatawaa Koongoo Bahaa, bakka gareewwan hidhatan waggoota kurnootaan lakka’amaniif lammiilee nagaa shororkeessaa turan keessatti tasgabii buusuuf humnoota gargaaran bobbaasuuf biyyoonni Afrikaa gama Dhiyaa Wiixata kaleessaa waliigalaniiru.

Walgahiin addaa kan Hawaasa Misooma Afrikaa Kibbaa kan biyyoota 16 miseensummaan of keessaa qabu, Afrikaa Kibbaa, Angoolaa fi Taanzaaniyaa of keessatti qabu, looltonni kun bobbaafamuu kan deggeru ta’u ibsa baaseen hubachisee jira.

Murtee kana irra kan ga’ame marii hoggantoonni biyyoota hedduu irratti hirmaatan irratti yoo ta’u, kanneen keessaa hogganoonni Ripaabliika Deemookraatawaa Kongoo Feliks Tishiskedii, gita isaanii kan Afrikaa Kibbaa Siriil Raamafosaa, kan Taanzaaniyaa Saamia Suluhu Hassan fi ministeerota garee naannichaa dabalata.

Walgahiin kun lakkoofsi loltoota bobbaafamuu qabanis tahee yeroon itti bobbaafaman yoom akka ta’e hin ibsine.