Boordiin Fialannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Waajjira Damee Isaa Maqaleetti Banate

  • VOA

FAAYILII - Asxtaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa turtii waggaa Sadiin booda yeroo jalqabaatiif waajjira isaa kan damee Tigiraay Magaalaa Maqaleetti banuun hojii jalqabsiise.Wayita Waajjirichi banamee hojii jalqabauttis Hojjettoonni Boordichaa kan gara Tigiraay deeman hooggantoota dhaabota siyaasaa naannicha keessa socha’an, Sabaa himaalee fi dhaabbilee siivilii waliin marii gaggeessaniiru.

Hirmaattoota wal ga’ichaa keessaa tokko kan ta’anii fi dhaabbilee Siililii bakka bu’uun kan hirmaatan ta’uu kan hin Obbo Yaared Berihee kuni jalqabbii gaariidha. Dhhaabileen Fmootummaa Federaalaa naannoo Tigiraay keessatti hojii jalqabuun walii galeen Piriitooriyaa hojiitti hiikamaa jirachuu isaafis agarsiiftuudha jedhan. Itti dabaluunis kun marii haal filannoo gaggeessuu danda’amurratti qorannoo taasimaa jirudha. UUmmatichi mootummaa ofii filateen buluu akka barbaaduu fi waantoonni dafanii hiikkachuu qaabnis akka jiran wal ga’ii kanarratti ka’eera jedhan.

Gma biraatiin Roobii dabarsine Boordiin Filannoo biyyaaleeessaa Itiyoophiyaa raawwii hojii isaa kan ji’a Sagalii yommuu dhiyyeessetti Naannoo Tigraay dabalatee sababoota rakkoo nageenyaan bakkeewwan filannoon hin gaggeefamiinnitti bara 2016 . Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaatti filannoo taasisuuf karoora qabaachuu isaa ifoomseera.