Qaamoleen Hawaasaa Godinaalee Wallaggaa Afuranii Akka Mariin Nagaa Mootummaa fi WBO Gidduutti Jalqabamee Ture Itti Fufu Gaafatan

Your browser doesn’t support HTML5

Qaamoleen hawaasaa garaa garaa godinaalee Wallaggaa afran bakka bu’uudhaan marii Dhaabbatni Misooma sadarkaa addunyaa kan Ameerikaa (USAID) magaalaa Ambootti qopheesserratti, mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti mariin eegalame akka itti fufee geggeeffamu gaafatanii jiru.

Abbaa Gadaa Asfaaw Kabbada godina Wallagga Bahaa irraa, “hawaasni nagaan bahee nagaan galuun yaaddoo itti tahe mariin nagaa kun akka milkaa’u barbaada” jedhu.

Itoophiyaatti Itti gaafatamaan Misooma Sagantaa Dhaabbata Misooma sadarkaa addunyaa kan Ameerikaa (USAID), Nagaa Tasfaayee Dhaabaa, sadarkaa biyyaatti waltahiinsi siyaasaa akka jiraatuuf kan hojjatan tahuu ibsuun, sabaafi sablammooni Oromiyaa keessa jiran hariiroo akka qabaatan akka hojjatanillee eeran.

JG/DHW