Baqattoonii Walwaraansa Sudaan Jalaa Dheessan Itiyoophiyaa Seenuu Itti Fufanii Jiru

  • VOA

Walwaraansa Sudaan keessatti adeemaa jiruun kan ka’e koolagaltoonni 3000 ol ta’an Itiyoophiyaa seenan. 

Itiyoophiyaatti dhaabbanni tajaajila baqattootaa fi warreen baqaa irraa deebi’ani, walwaraansa Sudaan keessatti adeemaa jiruun kan ka’e koolagaltoonni 3000 ol ta’an Itiyoophiyaa seenanii akka galmaa’an beeksise jira.

Akka dhaabatichi jedhetti lakkoofsi kun namoottan idilee jireenyaa isaanii irraa bu’aqan, miseensota hawaasa diplomaasii, godaantota diinagdee daangaa Itiyoophiyaa seenaan ittu hin ta’in, kan namoottan Kanaan duraa Sudaan keessaatti Koolagaltummaa gaafatanii dhaabata mootumoota gamtoomanii kan dhimma baqattootaa/ UNHCR jalatti seeraan galamaawani jiran akka ta’an ibsameera.

Dubbii himaan dhaabbatichaa Be’akaal Nigusee, koolagalttotaa 3200 Sudaan keessaa baqatanii garaa Itiyoophiyaa seenan, magaalotaa daangaa irra jiran Matamaa fi Kumruuk Irraatti galmeesaa jiraachu isaanii fi hawaasni adduunyaa akka namoottan kanaaf gargaarsaa taasisu gaafachuu isaanii Gebremikaa’el Gebremedihiin gabaaseera.

Karaa biraatiin, dhaabbileen mootumoota gamtoomanii akka jedhanitti namoottan lola Sudaan keessatti taasifamaa jiru baqataan karaa adda addaatin daangaa Itiyoophiyaa keessa seena jiru.

Akka gabaasni dhaabbileen kun wixata kaleessaa baasan jedhutti, naannoo Beenshaangul Gumuz, godina Matakkal, Aanaa Gubbaa bakka AL Mahaal jedhamun baqattoonni 5300 ol seenanii jiru. Bakkii kun bakkaawwan baqattoonni garaa Itiyoopiyaa seenaa jiran Matammaa, Kumruuk, Paakaag/Bubbiyyee fi Gambeelaa dabalatee isa afuraffaa akka ta’e beekameeraa.

Itiyoophiyaatti dubbii himaa dhaabataa dhimma godaantotaa/ IOM Kaayi Viiraay akka VOA ti himanitti, magaala Matammatti amma ammatti namoonii kuma 20 fi 400 ol galmaa’anii jiru. Namoottan galmaa’an kun lammiilee biyyoottan 66 akka ta’an dubbi himichii ibsuu isaani Kenedii Abaatee gabaaseraa.

Akka gabaasin dhaabbilee gargaarsaa garagaraa ibsutti, yeroo ammaa namoottan Sudaan keessaa baqatanii biyyoottan olla seenan kuma 200 ol kan tan yemuu ta’u, kuma 700 kan ta’an immoo achumaa Sudaan keessaatti qe’ee isaanii irraa buqa’ani jiru.