ABUT fi Bulchiinsii Yeroo Kan Tograay Bordii Filannoof Deebii Kennan

  • VOA

TPLF

Bordiin filannoo biyyooleessaa kan Itiyoophiyaa paartiin Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) seera qabeessa miti jechuudhaan murtii dabarsee kan hin fudhannee ta’u ABUT akka hin fudhanne ibsee jira.

Kana malees murtiin kun, na irraa haa kaafamuu jechuun gaaffiin dhiyeessees Bordiin fudhatama dhabuu isaa kan mormuu ta’u ibsee jira.

ABUT ibsa baasee kanaan, murtiin bordii filannoo kun, walii galtee nagaa Pritoriyaa keessatti tolfamee fi seera hundee kan hin godhanne jechuun akka hin fudhanne beeksisee.

Itti fuufiinsaan qaamoota dhimmi kun ilaallatu waliin akka mari’atu kan beeksisee ibsi ABUT kun, bordiin filannoo murtee isaa akka keessa deebi’ee ilaaluu gaafatee jira.Dhimma kana irratti mootummaan Itiyoophiyaa fi gamtaan Afrikaa gargaarsa akka taasiisan ibsii kun gaafatee jira.

Gama kaaniin, bulchiinsii yeroo kan Tigraay, murtii boordii filannoo kana mormuun ibsa baasee jira.Bordiin filannoo abdii nagaa Itiyoophiyaa keessatti mul’ataa jiru deggeruu manna walii galtee kanaaf abbummaa kan qabu ABUT akka hin jiraanneef kana muteesse jechuun gama seeraanis ta’e siyaasaan fudhatama hin qabu jedhee jira.