Naannoo Oromiyaa keessatti sababaa dhabamuu nageenyaan namoonni nagaan rakkoo hawaasa fi diinagdeef saaxilamuu isaanii yeroo garaagaraatti ni himu. Wal waraansa naannoo Oromiyaa keesstti humnoota Waraana Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti taasifamu karaa nagaan xumuruuf mariin jalqabus marsaan duraa otuu walii galteerra hin ga’amiin xumurame. Achii boodas, wal-waraansi Oromiyaa keessatti akka itti fufee jiru tu gabaasamee jira.
Obbo Taayyee Danda’aa Dee’eetaan Ministira Nagaa Itiyoophiyaa Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin UUmmanni nagaan walitti-bu’insa kanaan miidhamaa jira, karaa waraanaa nageenya buusuuf yaaliin taasifamaa tures haga ammaa hin milkoofne. Mariin jalqabe kun xumura akka argatuuf qaamni kamiyyuu qooda isaa gumaachuu qaba, jedhan. Mitikkuu Fiqaaduu tu bilbilaan dubbise.