Wal waraansa Kaaba Itiyoophiyaa waggootan lamaaf tureen hanqina daawwaa fi meeshaalee deeggarsa yaalaa ammayyuu mudatee jiruun namonni vaayirasii HIV waliin jiraachaa jiran rakkoof saaxilamaniiru jedhe Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigiraayiitti hoogganaan dhukkuboota ittisuu biiroo fayyaa naannichaa obbo Fissahaa Birhaanee.
Obbo Fissahaan akka ibsanitti wal wraansichi rakkoo namoomaa hedduu fidee dhufeeru keessaa namoota vaayiraasiin HIV qqama isaanii keessa jiru daawwaa dhabuun rakkoo hamaaf saaxilamaa jirus jechuun Sgalee Ameerikaatti himaniiru jechuun Maqaleerraa kan Gabaase Mulugeeta Astbahaati.