Haleellaan Xayyaaraa Kaleessa Sudaan Naannoolee Kaartuum Gama Kibbaa Akka Ture Himame 

  • VOA

A screen grab shows black smoke and fire at Omdurman market in Omdurman, Sudan, May 15, 2023. Omdurman neighbors Sudan's capital, Khartoum. Handout via Reuters

Wal Waraansi Sudaan Keessaa ammayyuu akkuma itti fufetti akka jiru jiraattoonni himan. Kamisa kaleessaa halleellaan xiyaaraa kan buufata loltootaa humna addaa Mohaammad Hamdaa Dagaloon hoogganaman irratti qiyyaafate naannoo kibba Kahaartum buufata loltootaa Xayibaa jedhamuun beekamu irratti raawwachuus namoonni ijaan argine jedhan Riyootersitti himaniiru. Humni waranaa Sudaan Kan Abdel Fattahaa Alburahaaniin durfamuu bakkoota bal’aa naannoo magaalaa Kahaartuum humnoonni waraanaa humna addaa jedhamuun beekaman kan Mohaammad Hamdaan Dagalooniin durfaman qabatanii jiran gadhiisisuuf haleellaa xiyyaaraa fi meeshaalee waraanaa jajjaboo fayyadamaa akka jiranis jiraattoonni itti dabaluun dubbatu.Naannoo Magaalaa Kahaartuumiin alattis Magaaloota kanneen akka Bahrii fi Omdurmaan keessatti waraanni jajjaboon kan haleellaa xiyyaaraan deeggarame taasifamaa jira.

Gama lixa Sudaaniin naannoo Daarfurii fi gama Kaaba Sudaan naannoo Kordofaanitti humnoonni waraanaa lamaan lola gaggeessaa jiru. Yeroo lolli jabaan humnoota waraanaa Sudaan lamaan gidduutti taasifmaa jiru kanatti hooggantoonnii waraanaa lamaan Abdel Fattaah al-burhaanii fi Mohaammed Hamdan Dagalo Kahaartumitti waliin dubbachuuf akka jiran gabaasafamaa jira.

Erga wal waraansichi jalqabee as hooganaan humna waraanaa Sudaan Abdel Fattaah al-burhaan hedduu argamanii kan hin beekne Roobii darbe uuffata dambii kan waraanaa uuffachuun humnoota waraanaa isaanii Magaalaa Kaahartuum keessatti yommuu nagaa gaafatan Viidiyoon gadhiifame agarsiisa.