Hoogganaan Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo Chaayinaa Daawwatan

  • VOA

Kan albuudaan badhaate Pireezidaantiin Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo Feeliks Tshisekedi Caamsaa 24 hanga 29tti Chaayinaa kan daawwatan yoo ta’u, walii galteewwan daldalaa ijoo hedduu gamaaggamuu fi mallatteessuuf pirezidaantii Shii Jiinping waliin ni mari’atu jedhamee eegama.

Wal ga’iin kun biyyoonni lamaan walii galtee bu’uuraalee misoomaa albuudaaf oolu doolaara biiliyoona $ 6 invastaroota Chaayinaa waliin sirnaan akka mallatteessaniif karaa ni saaqa. Daawwannaa kanas Ministeerri Dhimma Alaa Wixata har’aa ifoomsee jira.

Ibsi mootummaan Ripaablikii dimokraatawaa Koongoo akka muli’isetti, Tshisekeediin wal ga’ii kaabinee isaanii kan Caamsaa 19 irratti mootummaan isaanii gita isaanii kan Chaayinaa waliin walii galtee irra ga’e ilaalchisuun mariin akka geggeessamu qajeelfama kannanii jiran

Rippaablikiin dimoktaatawaa koongoo, addunyaa irraa albuuda koobaltii oomishuun biyya isee ijoo dha.