Naannoo Gaambeellatti Walitti Bu'iinsa Uumameen Namoonni Sagal Du'anii 17 Ammoo Mada'uun Ibsame

Magaala Gaambeellaa (Suuraa faayili)

Naannoo Gaambellaa, Bulchiinsa Aanaa Addaa Itaangiifi magaalaa Gaambellaa keessatti walitti bu'iinsa waliinii uumameen namootni 9 du'anii, 17 ammoo madaa'uu isaanii pireezidaantiin naannichaa obbo Umood Ujuluu beeksisan.

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Gaambeellatti Walitti Bu'iinsa Uumameen Namoonni Sagal Du'anii 17 Ammoo Mada'uun Ibsame

Aanaa Addaa Itaang, gandoota Piinyiwaafi Leer jedhaman keessa namoota jiraatan jidduutti wal dhabdee mudateen walitti bu'iinsi uumamee ture magaalaa Gaambellaafi Aanaa Itaang keessatti hookkara uumee akka ture ibsanii jiru.

Hoogganaan I/Aanaa Biiroo Nagaafi Tasgabbii naannichaa Utoow Ukot, jeequmsa uumamee ture tasgabbeessuuf humnootni mootummaa naannichaafi federaalaa waliin hojjataa jiru jechuun Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.