Angawoonni Chaayinaa fi Itiyoophiyaa Marii Taasisani Jiru

  • VOA

Ministriin haajaa alaa Itiyoophiyaa Chaayinaa daawwatan

Ministirri dhimmaa alaa Chaayinaa Kiin Graang, ministira dhimma alaa fi itti anaa muumme ministiraa mootummaa Itiyoopiyaa Demmeqee Mekkoniin wajiin Beejiing keessatti wal arganii dhimmoottan biyyoottan lammanii irraatti maryatanii jiru.

Angawoonni lamman marii kamisaa kaleessaa Beejiing keessatti taasisaniin, ministrri dhimmaa alaa Chaayinaa hariiroon dipilomaasii biyyootan lammanii walakkaa jaarraa tokkoo ol kan lakkoofssisee taa’u isaa ibsanii waltii dhufeenyi biyyottan lamma guduu jiruu feedhii waloo irraat kan hundaa’e ta’uu isaa akka dubbatan maddaawwan oduu Chaayinaa gabaasaniiru.

Chayinaan tumsaa nageenyaa fi misoomaa Itiyoophiyaa wajjin qabdu akka gudisuuf deemtuu kan ibsan ministirri dhimma alla chaayinaa, biyyi isaanii kannan duraa biyyoottan gaafaa Afrikaa midhaan nyaataa barbaadanuuf marsaa lamaaf gargaarsaa atattama laachuu ishee ibsanii marsaa biraatiif immoo itti yaadaa jiraachuu ishee himaniiru.

Itti dabaluudhanis, jaarmiyaalee Chaayinaa Itiyoophiyaa keessa jiranu nageenyi isaanii fi mirgii isaanii seeraa qabeesa ta’e fi feedhiin jaarmiyaalee Chaayinaa fi namoottan dhuunfaa akka eegamu Itiyoophiyaan tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhatti jedhaanii akka abdii qaban ibsuun isanii beekameera.

Demmeqee Mekonin gamma isaaniitiin, waltidhufeenyi biyyootaan lammanii hiryummaa adaa qabeessa ta’ee irratti kan hundaa’ee ta’uu isaa himanii, fsdhii biyyoottan lammanii kabachiisuu irratti akka cimananii dhaabatan ibsuun isaanii gabaasameera . Obbo Demmeqee Mekonin itti anaa Prezidaantii mootummaa Chaayinaa wajjin wala arganii maryachuun isaaniis beekameera..