Waraanni Ityoophiyaa gama Kaabaa keessatti geggeeffameen, bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti barsiisotaa fi barattoonni 3,800 du’u Dhaabbanni iyyata dhaggeeffatu kan Itiyoophiyaa beeksisee jira.
Dhaabata kanaaf aangawaa olaanaa kana ta’an Dr.Indaale Haayilee Sagalee Ameerikaatti akka himanitti, dhaabbati isaanii dhiyeenya kana naannoo Tigraay keessatti miidhaa dhaqqabee ilaalchisee qorannaa gaggeesseen, Barsiisonni 2,146 fi Barattoonni 1,700 Itiyoophiyaa Kaabaa keessatti wal waraansa gaggeeffameen du'uu isaanii bira ga’e jira.
Gabaasni kun hammam miidhaa dameelee biroo kan akka barnootaa fi fayyaa irratti dhaqqabe akkasumas haala namoota bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti manaa fi qe’e ofii irraa buqa’aniis kan of keessaa qabu ta’uun ibsamee jira