Gareewwan lamman Sudaan keessatti walwaraanaa jiran guyyoottan Shaniif dhukaasaa dhabudhaaf waliigaluu isaanii Jidaah keessaatti jaarsumaa taa’ani kan jiran Sa’udii Arabiyaanif Yunaayitid Isteets kaleessaa galgala ibsa waloodhaan kennaniin beeksisanii jiru.
Waligaltee dhukaasa dhaabuu isaa durumaanuu guutummaatti kabajamaa hin ture guyyoottan shaniif akka itti fufu gochuun, gargaarsaa namoomaa warreen barbaadaniif gahuudhaaf, tajaajilllawwan barbaachisoo ta’an deebisanii suphuudhaaf , dhukaasa dhaabinsaa waara qabeessa ta’ee irrati maryachuudhaaf akka gargaru ibsa waligaltichaa ilaachisee kenname wabeffachuudhaan Assooshiyeetd Prees Kaayiroo irraa gabaasee jira.
Haaluma walqabateen, Erga lolichii jalqabamee as siviilonni 866 du’anii, kan kumaataman lakkawaman immoo madaa’u isaanii gareen dokteerota Sudaan kan dhimmaa siviilotaa hordofuu ibsee jiraa.
Walwaraansii magaala guddicha biyyatti Kaartuumin dirree waraanaa taasisee jiru kun, namoottan miiliyoonii 1.4 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqisee biyyaa keessa fi biyyoottan ollaatti akka baqatan taasisuu isaa dhaabileen gargaarsa namoomaa ibsanii jiru.
Yunaayitid Isteets fi Sa’udiin ibsaa waloodhaan baasaniin, gareen jeeneraal Alburaanidhaan hogganamu haleellaa xiyyaaraa itti fufee kan jiruu ta’au isaa, gareen waraana dafee qaqqabaa inni jeeneraal Mohaamad Hamdaan Dagaalootin hogganamuu immoo manoottani fi qabeenyaa isaanii qabatee akka jiru, boba’an, maalqinii fi qabeenyii dhaabbata gargaarsaa namoomaa karaa lammaniiu saamamaa akka jiran ibsuun isaa beekameera.
Gareen dafee qaqqabaa hogganaa paartii siyaasaa “Umaa” jedhamee Sudaan keessatti beekamma ta’e kan ta’anii fi araaraaf hojachaa nama jiran jiran Hajii Yuseef ajjeesuun isaa ibsameera.
Daarfuuf kaabaa fi kibba keessattis lola taasifamaa jiruun Siviiloonni hedduun midhamma jiraachuu isaanii dhaabileen mootummoota gamtoomanii ibsaa jiraachuun isaanii gabaasameera.