Biyoonni walwaraansa keessa jiran Raashaa fi Yuukreen Degersaa biyyoottan Afrikaa yemuu barbaachaa jiran kannatii Ministeerrii dhimmaa alaa Raashaa Sargee laavaaroov daawwanna dursee hin eegamnee Keeniyaatti taasisanii jiru.
Minjistirii dhimma alaa Yuukireen Dimitroo Kuleebaa yemmuu wagga 60ffaan hundeeffama gantaa Afrikaa yaadatamaa turee turban darbee keesaa Finifineetti argamuudhaan ergaa biyyi isaanii Afrikaadhaa wajjin walti dhufeenyaa qabduu jabeesuu akka barbaaddu ibsanii turban tokko boodaa keeniyaa kan daawatan Ministeerri dhimma alla Raashaa kaayyoo daawanna isaanii miseeinsotaa Parlamaa keenuyti akka himan ibsameera.
Akka ministirrii dhimma alla Raashaa ibsetti daawannan Laavaroov tumsaa daladalaa fi inveestimentii, gaafii gargaarsaa anamoomaa fi aadaa, barnoota fi tumsa dhaabbataa mootumootaa wajjin jiru dabalatee wanneen biroos mariin irrati taasifameera.
Ardii jeraattotaa Biiliyoonii 1.3 qabduu Afrikaa irra tumsa argachuudhaaf Lavaroov waggootan darban keessa yeroo hedduu kan deddebi’an yemuu ta’u, dhiheenyaa kana Afrikaan kan daawatan Ministeerii dhimma Alaa Yuukreen Dimitro Kuleebaa biyii isaanii Afrikaa keessatti Embaasotaa dabalataan banuudhaaf fedhii isheen qabdu ibsuun isaanii gabaasameera.
Yemuu baraa mootummaa Sooviyeetii jalqabee Afrikaadhaa wajjin hidhata kan qabduu Raashaan walgahii Afrikaatiif Raashaa marsaa lammaffaa Aduulessaa 26 amma 29 barra 2023 magaala Seent Pitersibarg keessatti taasisuudhaaf akka karoorfatte gabaasameera.