Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Akka Biyyoonni Qonnaa Tamboo Gargaaruu Dhaaban Gaafate

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Guyyaa Addunyaa Tamboo-maleessaa kaleessa adunyaa irratti yaadatamee oole ilaalchisuudhaan, Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa akka biyyoonni qornnaa tamboo gargaaruu dhaabanii fi bakka isaa midhaanneen uummata miliyooana hedduuf nyaata tahan gargaargaaran gaafatee jira.

Galmeen jaarmayichaa ka WHO akka agarsiisutti sababaa tambootti fayyadamuun hidhata qabuun waggaatti namoota miliyoona toorba tu addunyaa kana irratti dhuma.