Keeniyaa Naayiroobiitti jiraattoonni daballii gatii gibiraa boba’aa, mana jireenyaa fi qabiyyee dijiitalaa mormuun mana maree fuula duraatti ba’an irratti poolisiin biyyattii tarkaanfii gaaza immiimaansu irratti fudhateera.
Pireezidaantiin biyyattii Wiiliyaan Ruuttoo Ji’a Hagayyaa darbe Filannoo moo’achuun gara aangoootti dhufan Imaammata isaanii galii dabaluun hiyyeessota gargaaruu jedhu qabatanii dhufaniin mormiin keessummeessaa jira. Hojjeettoonnii fi dhaabbilee siyaasaa mormitootaa Imaammata kana mormaa kan jiran qaala’insi jireenyaa akka malee dabaluun jedhu.
Lammiileen biyyattii Immammata daballii gatii kana moraman mallattoo walitti qaban mana maree bakka bu’oota Uummataaf galchuuf ba’an 500 ta’an irratti Poolisiin tarkaansii gaaza Immiimmansuu fudhateera. Hiriirtoota keessaa kanneen 11 ta’an immoo to’atamuu isaanii namoonni ijaan argan Riyootersitti himaniiru.
Daballiin gatii gibiraa kun tasgabbii faayinaansii biiyyattii keessatti uumuun dargaggoota hojii dabayyii hedduuf carraa hojii uumaaf jedhu Ruutoon Pireedizaantiin Keeniyaa. Imaammata kanas warri Seera tuman torban dhufu gra filannootti dhiyyeessu jedhamee eeggama.
Paartiin mormituu Azimiyoo La Umoja Ykn Tpaartii tokkummaa jedhamuun beekamu kan ji’a bitooteessa keessa haala qaala’isa jireenyaa irratti hiriira mormii mootummaa irratti waamee ture daballiin gatii gibiraa ammaa kun biyyaattii gara bara 1980’mootaattii duubaatti deebisa jechuun qeeqa.
Waldaan hojjettootaa kan waldaa hojjettoota fayyaa tokko of keessatti dabalate torban darbe daballii gatii gibiraa kana irratti mormii isaanii dhageessisaniiru.