Poolisiin Shamarre Mana Baankii Hojjettu Butee Ture To’annaa Jala Oolfame

  • VOA

Marfata Summudaa, magaala Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019

Poolisii shamarree jiraattuu magaalaa Haawaasaa fi hojjattuu baankii Daashiin karaa irraa butuun dhooksuuf yaalee jedhamuun shakkamee to'annaa jala oolchuu isaa, polisiin bulchiiinsa naannoo Sidaamaa beeksisee jira.

Qondaalli poolisii konistaabil Yehualamebrat Woldemariam faana bu’iinsa torban lamaa booda Kibxata drbee naannoo Sidaamaa magaalaa Agere Maariyaam keessatti to'annoo jala ooluu hogganaan poolisii naannichaa Alemayehu Timotios RSA'tti himaniiru.

Hojjattuun Baankii butamtee, yeroo amma magaalaa Finfinnee, warra ishee waliin akka jirtu hogganaan poolisii ibsaniiru.

Shamarreen kun torbee darbe erga baraaramantee booda, hospitaala Hawaasa seentee kan turte ta’uus, Wiixata darbee wal’ansa fayyaa dabalataaf gara Finfinneetti imaluu ishee maatiin ishee RSAtti himanii jiru.

Magaalaa Turiistootaa beekamtuu Hawaasaa keessatti, shamarreen tokko butamte oduun jedhu biyyatti keessatti babal’atee mufannaa hordoofsisee jira.