Keeniyaan Lammiwwan Ishee Biyyattiidhaa Alaa Hojjechuu Fedhaniif Haala Miijessuuf Biyyoota Wajjiin Waliigaltee Tolfachuutti Jirti

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Mootummaan Keeniyaa waliigaltee hojii fi hojjettootaa biyyoota akka Kanaadaa, Jarmanii, Yunaayitid Isteetis fi biyyoota galoo gaanaa biroo wajjiin mallatteessuu isaa yokaan mallatteessuuf karoorfachuu isaa beeksise.

Waliigalteen kun lammiwwan Keeniyaa biyyattii dhaa ala bahanii hojjechuuf rakkoo isaan mudataa ture salphisuutti ka fuuleffate tahuunillee himamee jira. Falmitoonni mirga hojjetootaa garuu, waliigalteen akkasii, keessumaa biyyoota Galoo Galaanaa wajjiin mallatteessuun hojjetoota cunqursaa fi saaminsaaf saaxila, jechuun qeeqan. Gabaasaa Mohammed Yusuuf Mitikkuu tu dhiheessa.