Manni-Maree Dhimmoota Islaamummaa Federaalawa Itiyoophiyaa Dhimma Masjiidaa Ilaalchisee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Wajjin Waliigaluu Dubbate

  • VOA

FAAYILII - Masjiida Anuwaar, Finfinnee, Onkoloolessa 19, 2912.

Manni Maree dhimmoota Islaamummaa Federaalaa rakkoo diigumsa masjiidotaa ijaarsa seeraan alaa jedhamuun magalaa Shaggaritti uumame irratti Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin marii taasisuun walii galteerra ga’uu Ibseera.

Rakkoo diigumsa Masjiidoota Ijjaarsa seeraan alaa jedhuun nannoo Oromiyaa Magaalaa Shaggar keessatti mudatee ture furuuf manni maree dhimmoota Islaamummaa Federalaa mootummaa naannoo Oromiyaa waliin walii galteerra ga’uusaa beeksiiseera.Pireezidaantiin mana maree dhimmoota Islaamummaa Sheek Ibraahim Tufaa kamisa har’aa Finfinneetti Ibsa sabaa himaaleef kennaniin mootummaan naannoo Oromiyaa diigumsa masjiidotaa sababa ijaarsa seeraa alaa akka dhaabu walii galleerra jedhaniiru.

Mariin manni marichaa gaggeesse Pirizidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee akka ta’e ibsaniiru jechuun Finfinneerraa kan gaabase Gebremikaa’eel G/Medhiin.