Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Gita Isaanii ka Saawudii Arabiyaa Wajjiin Walga'uun Dhimmoota Adda Addaa Irratti Dubbatan 

  • VOA

Dippiloomatoota ol aanoo Yuunayiitid Isteetis kan Ministira haajaa alaa Antoonii Biliinkeeniin durfamu Riyaditti, Saa’ud Arabiyaa, Waxabajjii 8, 2023.

Hariiroo Yuunaayiitid Isteetiis fi biyyoota Galoo galaanaa kan cimsu dippiloomatoonni ol aanoo Yuunayiitid Isteetis kan Ministira haajaa alaa Antoonii Biliinkeeniin durfamu Saa’ud Arabiyaa magaalaa Riyaaditti daawwannaa taasisaa jiru.

Dubbii himaan ministira haajaa Alaa Yuunaayitid Isteetsi Maatiiwu Miiler akka ibsanitti hooggantoonni lamaan walitti dhufeenya mana maree wal gargaarsa Galoo galaanaa fi Yuunayiitid Isteetsiin allattis Sudaan keessatti waraanni akka dhaabbatuuf gaafataniiru jedhan. Antoonii Biliinkeen daawwannaa isaanii kanaan Roobii kaleessaa Ganama Mootii Saa’uud Arabiyaa Mohaammad Biin Saalmaan waliin wal arguun dhimmoota waloo biyyoota lamaanii irratti keesumaa dhimmoota Imaammata Iraan fi nageenya naannichaa , gatii boba’aa fi mirga namoomaa irratti dubbataniiru.