Tokkummaa Tarreessaa; dargaggoon balaa Irreechaa bara 2016 rraa hafe dhiyeenya kana bultii horatee jira. Suurri inni boolla namootni keessatti du’an keessatti kaafamee ture saba himaalee hawaasaan erga naanna’aa tureen booda torbe darbe kana Michuu isaa Simboo Abarraa waliin bultii ijaarrataniiru.
Tokkummaan balaa kanarraa hafee bultii ijaarrachuutti gammadaa ta’us ammas yoo ta’ee Fulbaana 2016 keessa mudate yaadatu akka dhiphatu dubbatee jira.